Fana: At a Speed of Life!

Haroo Limmuu ganda Uuchaa Zoonii Elemaatti lolaa mudateen miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo Limmuu ganda Uuchaa Zoonii Elemaatti lolaa mudateen miidhaan qaqqabe.
 
Lolaa kanaanis abbootii warraa 66 maatii 438 jalaa oomishti boqqolloo, bunaa fi muuzii lafa heektaara 20 ol irraa misoome manca’eera.
 
Balaan lolaa kun Hagayya 1,2012 galgala sa’aa 3 booda hanga sa’aa 9tti rooba cimaa roobeni kan mudate.
 
Waajjirri koominikeeshinii aanichaa akka beeksisetti balichi kan mudate Zoonii Elemaa garee 2 keessatti.
 
Miidhaan qaqqabes tilmaama Birrii kuma 700 fi kuma 67 fi 300 oliin kan qabu ta’uu waajjirri hoggansa sodaa balaa aanichaa eerera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.