Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Beenishaanguul Guumz dhimmoota naannoo fi haala waqtaawaarratti mari’achaa jira

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Beenishaanguul Guumz dhimmoota naannoo fi haala waqtaawaarratti mari’achaa jira.
 
Waltajjichaan dhimmoota nageenya naannoo, misoomaa fi haala waqtaawaa biyyaarratti kan mari’atamu ta’uun eerameera.
 
Maricharratti preezdaantii naannichaa obbo Ashaadlii Haasan dabalatee hoggansi biroon hirmaachaa jiru.
 
Har’aa eegalee guyyoota lamaaf gamaaggamni ni gaggeeffamas jedheera waajjirri paartichaa.
 
Mariidhan booda kallattiiwwan gara fuula duraa ni kaa’an eegama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.