Ityoophiyaa fi Briitaaniyaan waliigaltee deeggarsaa Birrii biiliyoona 4.71 mallatteessan
Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC)- Ityoophiyaa fi Briitaaniyaan waliigalteewwan deeggarsaa lama mallatteessan.
Waliigalteewwan deeggarsaa lamaan kan Paawundii Starliing miiliyoona 105 yookin kan Birrii biiliyoona 4.71 ta’uun eerameera.
Deeggarsi jalqabaa Paawundii miiliyoonni 60 invastimantii lafaa hojiirra oolchuuf; waraqaa ragaa laachuu, sirna gabaa fi bulchiinsa lafaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayii fi Kibbaa ammayyeessuuf kan ooludha.
Waliigalteen deeggarsa lammaffaa kan Paawundii miiliyoona 45 diinagdee Ityoophiyaa jajjabeessuuf kan ooludha.
Waliigaltee deeggarsichaa ministirri Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiidee fi Afrikaatti Ministirri Briitaaniyaa Jams Dadriij mallatteessaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.