Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii fi Komishiniin Gumurukaa meeshaalee Birrii miil.34 baasu buqqaatootaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Adoolessa 20, 2012 (FBC)- Ministeerri Galiiwwanii fi Komishiniin Gumurukaa meeshaalee Birrii miiliyoona 34 baasu buqqaatootaf deeggarsa taasise.

Deeggarsichi rakkoo nageenyaa tibbana uumameen lammiilee buqqa’aniif kan ooludha.

Saganticharratti Af yaa’iin Mana Maree bakka bu’oota FDRI obbo Taggasaa Caafoo , Ministirri Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalawuu fi Komishiniin Gumuruukaa obbo Dabalee Qaabataa argamaniiru.

Deeggarsichis zayta nyaataa, sukkaara, missira, paasataa fi uffata ta’uu Tajaajjilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.