Fana: At a Speed of Life!

Dhibee COVID-19 irratti qooda fudhattoota waliin Magaala Adaamatti Marii taasifame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2012 (FBC) –  Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Biiroon Eeggumsa Fayyaa Naannoo Oromiyaa waliin qindaa’uun ittisa dhibee COVID-19 irratti qooda fudhattoota waliin Magaala Adaamatti Marii taasisaniiru.

 

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa Marii kanarratti argamuun haasaa taasisaniin dhibee COVID -19 ittisuu irratti qaamolen sadarkaan jiran hariiroo cimaa taasisuun hojjachuu qaban jedhaniiru.

 

Waraanni guddaan dhibee vaayrasii koronaa ittisan keessaa Miidiyaatti fayyadamuun hubannoo Ummataa cimsuun miidiyaa fi kominikeeshinii biiroo fayyaa waliin walitti hidhaminsan hojjachuun murteessaa ta’uu dubbatan.

 

Dhimmoonni xiyyeeffannoon guddaan itti kennamuu qaban keessa koree taaksifoorsii irra deebin gurmeessuu,qindoomina seektaroota cimsuu,dhaabbii ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu irratti bifa of-eeggannoo qabuun hirmaachuu, harka qalleeyyii deeggaruun fi olaantummaa seeraa mirkaneessuf hojjachuun hundaa ol barbaachisaadha jedhan.

Ummanni seera ittisa dhibee Covid-19 hambisuuf bahe hojirra ollchuun of-baraaruu akka qaban dhaamaniiru.

 

Maricharratti waraqaan qorannoo koreen miidiyaa fi kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa keessatti taasisaa turaniin bu’aan qorannichaa dhiyaateera.

 

Bu’aa qorannoo kana keessatti of-dagannaan cimaan qaamolee sadarkaan jiran biratti kan mul’ataa jiru ta’uun adda baheera.

 

Hubannoo argatan hojitti hiikuu irratti Ummata birattis hanqinni bal’an kan mul’ataa jiru ta’us qorannichi adda baaseera.

 

Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Gabaasa dhiyeessen dhibeen COVID -19 yeroodha gara yerootti babal’achaa jiraachun sadarkaa yaaddessa irra gahaa jiraachuu ibsaniiru.

 

Qorannoo hanga ammaatti jiruun akka Naannoo Oromiyaatti lubbuun namoota 16 sababa dhibee kanaatin darbuun namoonni 800 ol immoo dhibee kanaaf saaxilamoo ta’us ibsameera.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseetti, marii kanarratti hooggantoonii Kominikeeshinii sadarkaa Naannoo, Godinaalee fi Magaalotaa kan hirmaatan yoo ta’u,hooggantoota Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannoo Oromiyaa, Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa fi dhaabbileen Miidiyaalee gara garaas hirmaataniiru.

 


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.