Fana: At a Speed of Life!

MM Dr.Abiy Ahimad Koree Invatimantii fi Carraa Hojii Uumuu Biyyaalessaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2012 (FBC) –  Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Koree Invatimantii fi Carraa Hojii Uumuu Biyyaalessaa waliin mari’atan.

 

Kaayyoon marichaa hojiiwwaan carraa uumuu bara darbee gaggeeffaman madaaluu fi kallattii bara dhufuu kennuuf ta’uu waajjirii muummee ministiraa beeksiseera.

 

Bara darbe kan bu’uureffamee fi Muummee Ministira Dooktar Abiyyiin kan hoogganamu koreen hojiisaa raawwatu, itti annaan muummee Ministira, preezdaantoonni mootummaa biyyaalessaa naannoo, kantiibonni magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa akkasumaas bakka buutonni waajjira muummee ministiraa lamna miseensummaan hirmaataaniiru.

 

Waggaa tokko keessatti carraa hojii miiliyoona 3 uumuu kan  karoorfame yoo ta’u,  komishiniin carraa hojii uumuu akka beeksiseetti sadarkaa biyyaalessatti qonnaan, indastirii fi dameewwaan kenna tajaajilaan carraawwan hojii yeroo gabaabaa fi dheeraa miiliyoona 3 fi kuma 300 fi kuma 78 uumameera.

 

Carraawwan hojii kuma 300 fi kuma 30 weerarrt vaayrasi koroonaa dhiibbaa irra kan buuse yoo ta’ellee miidhaan ga’e jibbisiisaa miti jedheera.

 

Bara 2013 karoorri carraa hojii uumuu bifa walfakkaatuun carraa hojii miiliyoona 3 uumuu fi milkaa’ina hanga ammaatti argame cimee itti fufuu qaba jedheera.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.