Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bu’aa birrii biiliyoona 1.9 argachu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 20, 2012 (FBC) –  Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bu’aa birrii biiliyoona 1.9 argachu beeksise.

 

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara 2012tti bu’aa birrii biiliyoona 1.9 argachuusaa beeksiseera.

 

Bu’aa bara darbee waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu % 102’n dabaleera.

 

Baankota dhuunfaa biyyattii keessatti argaman keessaa bu’aadhaan sadarkaa 3ffaa irratti akka argamus beeksifameera.

 

Bara 2011 tti qabeenya waliigalaa baankichaa birrii biiliyoona 41.79 ture, bara kana birrii biiliyoona 11.13 dabaluun qabeenyisaa birrii biiliyoona 52.92tti guddateera.

 

Preezdaantiin Baankichaa obbo Darribee Asfaw Sharafa alaatiin Doolaara Miiliyoona 300 fi miiliyona 63 kan walitti qabe yoo ta’u, kan bara darbee %17’n caalmaa agarsiiseera jedhan.

 

Liqii birrii biiliyoona 12.25 walitti qabachuus danda’eera.

 

Liqii birrii biiliyoona 18.59 kan kenne yoo ta’u, kan bara darbeerraa birrii biiliyoona 3.73 caalmaa qaba.

 

Baankichi dameewwan 420 kan qabu yoo tahu, miseensa maamilaa miiliyoona 6.25 horateera jechuun Meeroon Mulugeetaatu gaabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.