Fana: At a Speed of Life!

Dabalatan Namoota 555 Irratti Vaayrsiin Koroonaa Yoo Argamu Lubbuun Namoota 9 Darbeera

Finfinnee, Adoolessa 19, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin, samuudaa namoota 8,490f qorannaan hojjetamee namoota 555 irratti vaayrasiin koroonaa  argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Lubbuun namoota 9 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 209 qaqqabeera.

Waliigala Ityoophiyaatti namoonni kumni 13 fi 248 vaayraasichaan qabamaniiru.

Guyyaa kaleessa namoonni 181 vaayrasicharraa yoo dandamatan, waliigala lakkoofsi namoota dhibicharraa dandamatanii kuma 5 fi 966 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoonni 66 wallaansa yaala addaa keessatti argamu.

Waliigalaan amma ammaatti qorannaan laabraatoorii namoota 372,812 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.