Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee marii gaggeessa turan dhaabbii biqiltuun xumuran

Finfinnee, Adooleessa 19, 2012 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee marii gaggeessa turan xumuruun sababeeffachuun biqiltuu dhaabaniiru.

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee kuma 4 ol ta’an guyyaa har’a naannoo Inxooxxootti sirna dhaabbii biqiltuu raawwataniiru.

Sirnicharratti yadaannoo artiisti Hacaaluu Hundeessaaf biqiltuu dhaabaniiru.

Gama biraan maricharratti hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa kuta magaalaa Gulallee Hidha Haaromsaa guddichaaf Birrii Kuma 200 ol keennaniiru.

Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhina Finfinnee obbo Tasfaayee Baljigee sirnicharratti, yeroo amma Imalli milkaa’ina ijaarsa hidha haaromsaa irratti jalqabame kun tokkummaan yoo hojjannee rakkoon nuti hin hiikne akk hin jirre agarsiistuudha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.