Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin baga gammaddan jedhan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Obbo Shimallis ijaarsa hidhichaarratti daa’immanii hanga maanguddootaa, qonnaan bultoonni, daldaltoonni, hojjettoonni mootummaa, dhalattoonnii fi lammiileen Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan deeggarsa taasisaa turuu ibsuun, kaayyon cichooma isaanii dhugoomuu mirkaneeffachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hidhichi marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatinis baga gammaddan, baga gammanne jedhaniiru.

Tarbaayinoota hidhichaa yeroo dhiyootti sochoosuunis dukkanni saaqamee, ifatti ni geeddarama jedhan.

Dheebuu misoomaa biyya keenyaa baasuun, seenaa haaraatti ni ceenas jedhaniiru preezdaant Shimallis Abdiisaan.

Ammas ni hojjenna; waan karoorfanne maras galmaan ni geenya jedhaniiru.

Muul’anni keenya kan hin fashalledha; humna dannabeen injifachuu akka dandeenyu muul’isneerras jedhan.

Qaamolee deeggarsa taasisaa turan maraa galateeffatanii, xumura isaatif akka tumsamus waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.