Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Qoonsilaa Hiiyuustanitti argamu akka cuftu Ameerikaan ajajje

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Chaayinaan waajjira Qoonsilaa ishee Teeksaas Hiiyuustanitti argamu akka cuftu Ameerikaan ajaja dabarsuu ishee ibsame.
 
Murtoon kun kan darbe qabeenyaa sammuu Ameerikaa eeguuf akka ta’u Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibseera.
 
Tarkaanfiin Ameerikaa kun tapha siyyaasaati jechuun Chaayinaan qeeqaa jirti.
 
Murtoon Ameerikaa kun rifachiisaa fi sababa kan hin qabneedha jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin.
 
Ameerikaan waajjirri Qoonsilaa kun akka cufamu murtee kan dabarsite qaamoolee dhuunfaa eenyummaan isaanii hin beekkamneen naannichaatti waraqaan yeroo gubatu suuraa sochaa’aan muul’isu argamuu isaatiin jedhame.
 
Tarkaanfiin kun hariiroo biyyoota lamaanii qarreerra ture caalmaatti gaaffii keessa galchuu akka danda’u dubbatamaa jira.
 
Keessattuu daldalaa fi weerara vaayrasii koroonaan walqabatee hariiroon biyyoota lamaanii muddama keessa kan ture ta’uu ni yaadatama.
 
Maddi:-BBC
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.