Fana: At a Speed of Life!

Mariin hidha haaromsaarratti gaggeeffamaa ture dhimmoota ijoorratti waliin galuun xumurame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) –Mariin Hidha Haaroomsa Guddicha Ityoophiyaa ilaalchisee dursummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa ture dhimmoota ijoorratti waliigaluun xumuramuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.
 
Mariin addaa miseensoota hoggantootaa gamtaa Afrikaa guutinsa bishaan hidha haaromsaa fi raawwii waggaarratti xiyyeeffate guyyaa kaleessaa gaggeeffameera.
 
Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dhimma hidha haaromsa guddicha Ityoophiyaarratti mariin dursummaa dura taa’aa gamtaa Afrikaan gaggeessaa turan xumuramuu Waajjirri Muummee Ministiraa FDRI beeksiseera.
 
Biyyoonni sadan garaagarummaa isaanii dhiphisuun waliigalteerra akka ga’an tattaaffii gamtaan Afrikaa taasise Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad galateeffataniiru.
 
Ejjennoon Ityoophiyaa Hidhaan haaromsaa Sudaanii fi Gibts haala hin miineen fayyadamummaa haqa qabeessaa ta’een raawwachuu ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
 
Haalli roobaa naannichaatti muul’atee fi hammi yaa’insa bishaanii dabaluun hidhicha guutuuf haala mijataa uumuu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan mirga laga abbayyaatti fayyadamuu qabdu karaa hin tuqneen marii sadee itti fufti jedhan.
 
Guutinsi bishaanii waggaa marsaan duraa xumuramuu kan ibsan Dooktar Abiy, yeroo ammaa bishaan ijaarsarra darbuun dhangala’uu eegaluu ibsaniiru.
 
Mariin hoggantootaa biyyoota sadanii fi miseensotta gamtaa Afrikaa waliin gaggeeffameen qaamni hundi dhimma hidha haaromsaarratti waliin galuun xumuramu ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.