Fana: At a Speed of Life!

Daabboon Shaggar gatii madaalamaan rabsitoota 400n hiramaa jira

Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) –Daabboon Shaggar gatii madaalamaan rabsitoota 400n hiramaa jira.

 

Daabboon Shaggar gatii madaalamaan rabsitoota 400n jiraattota Finfinnee fi naannawaa isheef hiramaa jiraachu ibsame.

 

Faanaa Broodkaastiingi Koorporeet waliin turtii kan taasisaan hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Injiinar Sisaay Dabbabaa akka ibsanitti dhaabbanni Daabboo Shaggar daabboowwan oomishu gatii madaalamaan jiraattootaf rabsuu eegaleera.

 

Dhaabbatichi gatii daabboo galii hawaasaa hubannoo keessa kan galchee fi gatii gadi aanaan dhiyeessuuf kan kaayyeeffate ta’uun waliingeetti irratti ciminaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

 

 

Daabboon Shaggar wayita ammaa daabboo kuma 600 oomishuun jiraattota Finfinnee fi naannawaa isheef rabsaa kan jiru si’a ta’u, fulduratti humna isaa hundaan oomishuuf kaayyeeffachuu ibsaniiru.

 

Dhaabbanni Daabboo Shaggar fulduratti guyyatti hanga daabboo miiliyoona 2 oomishuuf dandeetti isaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu ni beekkama.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.