Fana: At a Speed of Life!

Covid-19 Afrikaatti hammaachuu akka danda’u Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa  akeekkachiise

Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) – Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) tatamsa’inni vaayrasii koroonaa biyyootii Sahaaraa gadii Afrikaa keessatti dabalaa jiraachuu akeekkachiise.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa “tatamsa’inni Covid-19 ariitiin guddachaa jira” Jedha.

Dhaabbatichatti hoogganaan dhimma hatattamaa Maaykel Raayan wanti Afrikaa Kibbaatti uumamee jiru “ haala nama gaddisiisuun, kan dursa afi biyyootii Afrikaa birootti waan uumamuu danda’uuf akeekkachiisadha,” jedha.

“Afrikaan Kibbaa haala hamaa keessa yeroo jirtutti, tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf gargaarsi dabalataa hin godhamu taanaan kun wanta ardicha irratti uumamuu danda’uuf agarsiiftuudha jedheen yaada,” jedhan.

Akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti tatamsa’inni Covid-19 torbe darbe keessaa Afrikaa kibbaatti %30’n, Keeniyaatti %31’n Madagaskaaritti %50’n, Zambiyaatti %50’n akkasumasa Namibiyaatti %69’n dabaleera.

Afrikaa keessatti hanga ammaatti namootni gara 597,223 kan vaayrasii koroonaan qabaman ta’uu fi namootni 9,691 ammoo lubbuun isaanii darbu gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni agarsiisa.

Maddi:- BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.