Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa waliigaltee hidha haaromsaa irrattti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi taasisaan akka deeggaru beeksise

 

Finfinnee, Adoolessa 11, 2012 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa waliigaltee hidha haaromsaa irrattti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi taasisaan akka deeggaru beeksise.

Gamtaa Awurooppaatti Bakka Bu’aan Imaammata Dhimma alaa fi  kutaa nageenyaa akkasumas, Itti Anaan Preezdaantii Gamtichaa Joosep Booreel dhimma hidha haaromsaa guddichaarratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin biyyoonni sadeen waliigaltee hidha haaromsaa guddichaarratti taasisaan gamtichi ni deeggaraa jedhaniiru.

Kanarra kan darbe biyyoonni waliigalteerra akka ga’aniif hojjechuu qabu jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.