Fana: At a Speed of Life!

Yaaliin talaallii Covid-19 argachuu abdachiisaa ta’aa dhufeera jedhame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2012 (FBC) – Yaaliin talaallii Covid-19 argachuu abdachiisaa ta’aa dhufeera jedhame.

Vaayrasii koroonaaf talaalliin abdachiisaan sadarkaa yaalii Kilinikaal jedhamurra gahan jiraachuu ogeeyyiin Yuunaayitid Kingidamii fi Yuunaayitid Isteet beeksisan.

 

Namootni fedhaan yaaliin kun irratti gaggeeffamaa jiru talaallii kana fudhachuun booda dandeettiin ittisa dhibee qaama isaanii dabaluun abdii isaanii akka hore qorattootni Yuunaayitid Kingidamii fi Yuunaayitid Isteet ibsaa jiru.

 

Dabalaataan talaalliin kun miidhaa qaamaa hin malle guddoo kan hin geessifne ta’uutu himame.

 

Gosootni talaallii adda addaa 23 sadarkaa yaalii namarratti gaggeeffamurraa kan gahan yoo ta’u, 140 ammoo sadarkaalee qorannoo kanaa gadiirra argamu.

 

Haata’u malee saayintistoonni tokko tokko namootni fedhaan yaalii kanaaf akka of kennanii qorannoo kana akka saffisiisan gaafachaa jiru.

 

Talaalliiwwan kun milkaahaniiru kan jedhaman, namootni yaalii kanaan talaalliiwwan kana erga fudhatanii booda Vaayrasii koroonaaf of saaxilanii yoo qabamuu baataniidha.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.