Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen sirna gaazexeessummaa kabajuun itti gaafatamummaa ogummaa ba’achuu akka qaban ibse

Finfinnee, Adoolessa 7, 2012 (FBC) – Miidiyaaleen sirna gaazexeessummaa kabajuun itti gaafatamummaa ogummaa ba’achuu akka qaban ibse.

Manni Maree Miidiyaa Ityoophiyaa miidiyaaleen sirna gaazexeessummaa kabajuun walitti bu’insi akka hin uumamneef itti gaafatamummaa ogummaa ba’achuu akka qaban ibse.

Ibsa manni marichaa baaseen, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessarraattii raawwatame gadda itti dhaga’ame ibsuun, miidiyaaleen yaadoota ka’an karaa tasgabbii qabuun dhiyeessuu akka qaban ibseera.

Manni marichaa miidiyaaleen suuraawwan fi viidiyoowwan saboota gidduutti hokkara uumuu danda’anii maxxansuu fi tamsaasuu irraa ofqusachuu akka qaban hubachiiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.