Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 3 darbanitti ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 80 ol walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Baatiwwan 3 darbanitti ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 1fi miiliyoonni 80 ol walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa uummataa beeksiseera.

Maallaqni walitti qabame kun Baatii Bitoottessaa – dhuma Caamsaa bara 2012 ta’uu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa uummataa ijaarsa Hidha Haaromsaa ifoomseera.

Hirmannaan hawaasaa ijaarsa hidha haaromsaa dabalaa jiraachuu daayreektarri Koominiikeeshinii waajjirichaa obbo Hayiluu Abrahaam dubbataniiru.

Baatiwwan sadan darbanitti qofa hirmaannaa hawaasaa qofarraa Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 80 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 50 walitti qabameera jedhan obbo Hayiluun.

Galichis sagantaa ergaa gabaabaa ‘8100 A’ fi bittaa Boondirraa kan argame ta’uu ibsaniiru.

Wayita weerarri vaayrasii koroonaa rakkoo ta’e kanatti maallaqni hammi kun walitti qabamuun jajjabeessa ta’uus himaniiru.

Kunis ummanni ijaarsa Hidha Haaromsaa galmaan ga’uuf murannoo qaba kan agarsiisuudha jedhan obbo Hayiluun.
Waliigala hanga ammaatti hirmaannaa ummatarraa Birriin biiliyoonni 13 ol argameera jedhan.

Yeroo ammaa ijaarsi Proojaktichaa %74 irra kan ga’e yoo ta’u, Hidhichi Baatii Hagayyaa 2012 irraa eegaluu bishaan kuusuu kan eegalu ta’uu ibsameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.