Fana: At a Speed of Life!

Gidduugalli qorannoo Covid -19 Yuunvarsiitii Amboo hojii eegale

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) –Yuunvarsiitii Ambootti gidduugalli qorannoo vaayrasii koroonaa Birrii miiliyoona 10 oliin ijjarramaa ture eebbifamuun hojii eegaleera.
 
Gidduugalli qorannoo Covid -19 Yuunvarsiitii Amboo kun guyyaa har’aa bakka Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiya Dooktar Mangistuu Bakkalaa fi Kaantibaan magaalaa Amboo argamanitti eebbifamuun hojiif banaa ta’eera.
 
Laabraatooriin kun humna guutuun yoo hojjete guyyaan samuudaa hanga kuma 1 qorachuu danda’a jedhameera.
 
Yuunvarsiitiin Amboo hawaasa harka qalleeyyii fi rakkoo diinagdee qabaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa taasisaa akka jiru Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.