Fana: At a Speed of Life!

Harkifachuu ijaarsa Proojaktii hidha haaroomsaaf rakkoon bulchiinsa gaarii qooda olaanaa taphachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Harkifachuu ijaarsa Proojaktii Hidha Haaromsa Guddichaaf rakkoon bulchiinsa gaarii qooda olaanaa qaba ture jedhan Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii duraanii obbo Mootummaa Maqaasaa.
 
Obbo Mootummaa Maqaasaan Faanaa Broodkaasting Koorpooreet waliin turtii taasiniin, jijjiirraman dura gabaasni adeemsa ijaarsa Proojaktii hidha haaromsaa ilaalchisuun dhiyaataa ture soba adii ture jedhan.
 
Boordiin hidha haaroomsaa gabaasa raawwii daraan dhugaarraa fagaate gabaasaa turuu himaniiru.
 
Hanqinni hoggansaa ijaarsa Proojaktichaarratti dhiibbaa guddaa uumee ture kan jedhan obbo Mootummaan, marii Gibts waliin taasifamaa ture keessaa boordichi harka hin qabu jedhan.
 
Ministeerichi rakkoo proojaktichaa gama ‘Meeteekiin’ muudatee ture furuuf yaaluus yeroof qaama isa dhaga’u hin arganne jedhaniiru.
 
Yeroo sanatti raawwiin isaa % 40- 45 irra ga’ee tures jedhan obbo Mootummaan.
 
Abbaan murtii Boordii proojaktichaa waan tureef Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii rakkoo furuu dhiisii cinaa ga’uu hin dandeenye ture jedhan.
 
Ijaarsi lafarra turee fi gabaasni raawwii kan wal hin ginne ta’uu ibsaniiru.
 
Ciriinsi bosonaa ni gaggeeffama jechuun ibsi laatame, proojaktii ummataraatti ragaa sobaa dabarsuun dagannaan akka uummamu taasisuu himaniiru.
 
Wacni fi Prooppogaandaan yeroo ammaa Kaayroorraa dhaga’amaa jiru adeemsi ijaarsa Proojaktichaa haala gaariin itti fufu isaarraa kan ka’e jedhaniiru.
 
Obbo Mootummaan olola alaa f keessaa Proojaktichaarratti gaggeeffamaa jiru tokkummaan dhaabbachuun ittisuu qabna jedhan
 
Haylaiyasuus Makoonnoontu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.