Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli qorannoo Covid -19 magaalaa Bahaar Daar hojii eegale

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitii Bahaar Daar Hospitaal Ispeeshaalaayizdii Xibaba Gihoonitti giddugalli qorannoo laabraatoorii vaayrasii koroonaa hojii eegale.
 
Giddugalichi guyyaan samuudaa namoota 96 qorachuu akka danda’u itti gaafatamaan Koolleejji Fayyaa Yuunvarsiitii Bahaar Daar Dooktar Yeshiigeetaa Galaaw ibsaniiru.
 
Giddugalli qorannoo laabraatoorii kun dandeetti qorannaa naannicha kan guddisu ta’uu daayreektarri Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa naannoo Amaaraa Maan’aminoot Aganyi dubbataniiru.
 
Giddugalii kun naannichatti giddugala 6ffaa qorannaa samuudaa eegale ta’us ibsaniiru.
 
Daayreektarichi, giddugalli qorannoo laabraatoorii Waldiyaa yeroo dhiyootti hojii kan eegalu ta’uu himaniiru.
 
Naannichatti guyyaan samuudaa namoota kuma 1 fi 500 gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Akka dhaabbanni sabqunnamtii naannoo Amaaraa beeksiseetti, naannichatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 253 ga’reera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.