Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa ba’erratti fooyyessii taasifame

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa ba’erratti fooyyessii taasifame.
 
Fooyyessichi kan taasifame qajeelfamoota tokko tokkorratti ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Fooyyessichaan of eeggannoo barbaachisaa taasisuudhan sirna awwaalchaa raawwachuun eeyyamameera.
 
Bu’aan qorannaa laabraatoorii osoo hin qaqqabin, awwaalcha raawwachuun hin danda’amu kan jedhus fooyya’eera jedhan Dooktar Lityaan.
 
Yaata’uutii sirna awwaalchaarratti namni 50 qofti argamuun awwaalchi ni gaggeeffama kan jedhu hin fooyyofne.
 
Haalli jireenyaa namoota vaayrasichaan qabamanii akkaataa qajeelfamaan taa’en yoo ta’e, mana isaanii akka turan taasifama.
 
Namoonni biyyoota alaatii dhufan biyyoota turanii mirkana qorannaa bilisaa guyyoota 3 kan qaban yoo ta’e, samuudaan fudhatamee guyyoota 14f mana isaanii akka turan taasifama.
 
Namoonni mirkana vaayrasicharraa bilisa ta’uu dhiyeessuu hin dandeenye guyyootii 7f tursa akka seenan taasifama.
 
Kunis yeroo tursa addaa dirqisiisaa guyyoota 14f ture, guyyoota 7tti hir’isa jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.