Fana: At a Speed of Life!

Daldalaa fi invastimantii mijataa fi dorgomaa gochuuf riifoormiin gaggeeffamuun ibsame

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan daldalaa fi invastimantii mijataa, hawwataa fi dorgomaa gochuuf riifoormii gaggeessuun ishee ibsame.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad karaa fuula Feesbuukii isaanitiin, koreen biyyoolessaa dhimmicharratti hojjetu riifoormicha gaggeessuu beeksisaniiru.
 
Fooyyessa seeraa fi bulchiinsaa gochuun akka danda’ames kaasaniiru.
 
Labsiin fooyyessa eeyyamaa fi galmee daldalaa 1150-2011 fi dambii 461 -2012 qophaa’uu beeksisaniiru.
 
Haaluma kanaan kanneen armaan gadii qophaa’aniiru;
– Labsii wabii qabeenya socho’aa 1147/2011fi qajeelfama raawwachiistuu,
– Qajeelfama kuusaa liqaa hundeessuu CRB-01-2012
– Labsii fooyyessa taaksii dabalataa 11572011
– Labsii invastimantii 1180-2012
– Wixinee dambii raawwachiistuu invastimantii
– Labsii gabaa daldala elektirooniikii
– Seera daldalaa haaraa (Mana Maree Ministirootatiin ragga’e)
– Labsii murtoo seeraa biyya laatti laatameef beekamtii laachuu fi labsii waliigaltee raggaasisuuf ba’e 1184-2012
– Wixinee labsii abbaa seerummaa dhuunfaa fi hojimaata araaraa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.