Fana: At a Speed of Life!

Milkiin Ityoophiyaa, furtuu milkii Afrikaati -preezdaantii Baankii Addunyaa

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Milkiin Ityoophiyaa, furtuu milkii Afrikaati jedhan preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Maalpaas.
 
Preezdaantichi baankichi deeggarsaa fi liqaa Ityoophiyaaf raggaasise Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 ilaalchisuun muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin mari’achuu isaanii beeksisaniiru.
 
Deeviid Maalpaas Ityoophiyaan mariin biyyoota ollaa waliin jalqabde jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Kanas waaraa gochuudhan, bishaan haqa qabeessummaan fayyadamuurratti tumsi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Milkiin Ityoophiyaa, furtuu milkii Afrikaati waan ta’eef tumsi baankichaa kan itti fufu ta’as jedhan preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Maalpaas.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.