Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti sagantaan yaadannoo wareegamtootaa kabajamaa jira

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti sagantaan yaadannoo wareegamtootaa magaalaa Dabrataaboritti kabajamaa jira.
 
Yaadannoon ajjeechaa hoggansa olaanoo naannoo Amaaraa waggaa 1ffaa Waxabajjii 15, mariin paanaalii, arjooma dhiigaa fi dhaabbii biqiltuudhan kabajamaa jira.
 
Guyyichi “Dhiiga arjoomna malee, dhiiga hin dhangalaasnu.” mata duree jedhuun naannichatti yaadatamaa jira.
 
Bulchaan godina Goondar Kibbaa obbo Qalamawarq Mihirateen yaadannoon guyyichaa kaayyoo wareegamtootaa galmaan ga’uu fi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kakaasuuf oola jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.