Fana: At a Speed of Life!

Weerara Covid -19 ittisuuf hariiroon Afrikaa – Chaayinaa ga’ee olaanaa qaba – Obbo Gadduu

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Weerara Covid -19 ittisuuf hariiroon Afrikaa – Chaayinaa ga’ee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI – Obbo Gadduu Andaargaachaw ibsan.
 
Obbo Gadduun waltajjii marii ‘Iniisheetiivii daandii qabattoo tokko’ /one belt one road initiative/ idil addunyaa viidiyoo koonfaransiin gaggeeffameerratti hirmaataniiru.
 
Dubbi marii kanarratti taasisaniis weerara Covid -19 sodaa addunyaa ta’e kana ittisuuf hariiroon Afrikaa – Chaayinaa yeroo kamiiyyuu caalaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Tarsiimoon Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hordofaa jirtu bu’aa kan buuse ta’uu dubbataniiru.
 
Tattaaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasichaa ittisuuf taasisaa jirtuuf deeggarsa mootummaa fi abbootiin qabeenyaa Chaayinaa taasisan galateeffataniiru.
 
Deeggarsichis cimee itti fufuu akka qabu amantaa qabaachuu himaniiru.
 
Obbo Gadduun koonfaransiin viidiyoo kun dhiibbaa weerarri Covid -19 biyyoota guddachaa jiran irraan ga’u dandamachuuf murteessaa ta’uu himaniiru.
 
Waltajjii marii kanarratti ministira Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Waay dabalatee Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa, daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom, bakka buutoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee idil addunyaa biroo himaataniiru.
 
Koonfarasichi eegaluun dura mootummaan Chaayinaa faayidaa koonfaransichi addunyaaf qabu miidiyaaleef ibsa laachuu isaa ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Maddi; BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.