Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy, Leetanaal Janaraal Mahaammad Haamdaan Daalgoo waliin walargan

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad itti aanaa walitti qabaa Mana Maree Sudaan Leetanaal Janaraal Mahaammad Haamdaan Daalgoo waliin walargan.
 
Dooktar Abiy; Leetanaal Janaraal Mahaammad Haamdaan Daalgoo simachuudhan baga nagayaan dhuftan jedhaniiniru.
 
Leetanaal Janaraal Mahaammad Haamdaan Daalgoon dhimmoota waqtaawaarratti mari’achuuf kaleessa Finfinnee galaniiru.
 
Itti aanaan walitti qabaa Mana Maree Sudaan kaleessa Finfinnee yammuu galan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachawii fi eetaamaajoorri raayyaa ittisa biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad simannaa taasisaniifiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.