Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy yaa’ii Chaayinaa – Afrikaarratti hirmaatan

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii Chaayinaa -Afrikaa interneertiin gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
 
Yaa’ichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf waliin dhaabbachuun murteessaa ta’uurratti kan xiyyeeffate ta’uu Dooktar Abiy Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Yeroo tilmaamuuf nama rakkisu kanatti biyyoonni Afrikaa fi Chaayinaan tokkummaan agarsiisan duudhaa sirrii ta’uu himaniiru.
 
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy, tajaajila fayyarraatti xiyyeeffatamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Marii kana Preezdaanti Shii Jiinpiing hoggananiiru.
 
Yaadni yaa’ichaa Chaayinaatti walitti qabduu Gamtaa Afrikaa, Afrikaa Kibbaa, walitti qabduu Fooramii Chaayinaa – Afrikaa Seeneegaalii fi Chaayinaan kan dhiyeete ta’u eeraniiru.
 
Yaa’ii kanarratti hoggantoonni biyyoota Afrikaa, barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtooamanii fi daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hirmaataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.