Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti lakkoosi namoota vaayraasii koroonaan qabamanii 2743 ga’e

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 85 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
Hanga ammaatti magaalaa Finfinneetti lakkoof namoota vaayrasichaan qabamanii 2743 ga’uu Biiroon Fayyaa magaalichaa beeksiseera..
Namoota 85 keessaa 18 Jiraattoota Addis Katamaa,
7 Boolee,6 Liddataa, 6 Gullallee, 9 Kolfee Qaraaniyoo, 3 Qiirqoos, 12 Araadaa, 4 Eekkaa, 6 Nifaas Silk Laaftoo, 9 Aqaaqii Qaallittii yoo ta’an, teessoon namoota 5 qoratamaa jiraachuu biirichi beeksiseera.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti namoonni 109 yoo dandamatan, namni tokko lubbuun darbeera.
 
Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 14,935 gaggeeffameen namoonni 211 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Naannoo Amaaraatti ammoo hanga guyyaa kanaatti waliigala qorannaa samuudaa namoota 6919f gaggeeffameen namoonni 240 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Naannoo Tigraayittis qorannaa samuudaa namoota 6568f gaggeeffameen namoonni 167 dhibichaan qabamuu isaanii Biirooleen Eeggumsa Fayyaa naannolee kanneenii beeksaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.