Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa misooma bosonaa mirkaneessuuf Ityoophiyaa waliin hojjechuufi

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Kooriyaan Kibbaa misooma bosonaa mirkaneessuuf Ityoophiyaa waliin hojjechuufi jedhame.

Qabeenya bosonaa itti fufiinsaan waliin misoomsuuf waliigalteen Koomishinii Eeggumsa naannoo, Bosonaa fi Qabeenyaa Qilleensaa Ityoophiyaa fi Tajaajila Bosonaa Kooriyaa Kibbaa gidduutti mallattaa’eera.

Sirna kanarrti waliigalteen misooma magariisaa fi galma idila addunyaa bara 2030 mallattaa’era.

Hariiroon misooma magariisaa jijjiirrama qabeenya qilleensaa hir’isuu fi hirmaannaa damee dhuunfaa misooma bosonaa itti fufiinsaan mirkaneessuufi jedhame.

Kooriyaan Kibbaa bosoana deebisanii misoomsurratti Ityoophiyaa waliin hojjechaa kan turte yoo taatu, bara kanas hariiroo misooma magariisaaf waajjirri ishee filatamaa ta’uu dubbatameera.

Proojaktiin kaka’umsa nageenya bosonaa jedhamu kun qabeenya bosonaa deebisanii misoomsuun fayyadamummaa diinagdee fi nageenya naannoo mirkaneessuuf shoora olaana qaba jedhame.

Proojaktiin kaka’umsa nageenya bosonaa kun Ityoophiyaatti eegaluun isaa kan isaan gammachiisee ta’uu Ministirri Ministeera Qabeenya Bosonaa Kooriyaa Kibbaa Paar Choong Hoof ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.