Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa biiroo Kooriyaa kibbaa waliin daangaarraa qabdu barbadeessite

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa biiroo Kooriyaa kibbaa waliin daangaarraa qabdu barbadeessuu himame.
 
Biyyattiin tarkaanfii kana kan fudhatame erga Kooriyaan Kibbaa naannoo daangaa biyyoota lameenii humna waaraanaa irraa bilisa ta’etti humna waaranaa bobbaasuuf qophii ta’uu akeekkachiiftee sa’aatii muraasa booda.
 
Biiroon biyyoota lameenii kun magaalaa daangaarra jirtu Keesong jedhamtu keessatti argama.
 
Daangaa Kooriyaa Kaabaa keessatti kan argamu yoo ta’u bara Faranjootaa 2018 hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf yaadamee kan baname ture.
 
Erga gareen namootaa Kooriyaa Kaabaa gananii gara Kibbaatti badanii, biyyoonni lameen torbanootaaf wal gaarreffachaa turaniiru.
 
Obboleettiin gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Yoo Jong jedhamtu torban darbe biiroo daangaarra jiru barbadeessuu akka danda’an ibsa kennitee ture.
 
Yeroo dhiyoon as Kooriyaan Kaabaa olola karaa daangaa gara biyya isheetti ergamu balaaleffataa turteetti.
 
Gareen Kooriyaa Kaabaa irraa dhokatanii Kooriyaa Kibbaa galan olola garaagaraa ergaa jiru.
 
Biyyoonni lameen biiroo barbadaa’e kana kan hundeessan erga preezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Jon Uun fi gitnisaanii preezdaant Moon Jey in waliin mari’atanii ture.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.