Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoon Gibts, marii sadee Hidha Haaroomsaa Guddichaa gufachiise – Obbo Gadduu

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Ejjennoon Gibts bishaan Abbayitti ana qofatu fayyadama jedhu marii sadee eegalame gufachiisuu Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaacgaw ibsan.
 
Hidha Haaromsaa Guddicharratti mariin Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts irra deebiin eegalame guyyaa 5ffaa lakkoofsiseera.
 
Bu’aa marii sadee Hidha Haaroomsaa guyyaa 5ffaan ejjennoon Gibts faayidaan koo qoftu yaa eeggamu jedhu maricha gufachiisuu ibsameera.
 
Obbo Gadduun Gibts akkuma barame yaada lamaan itti fufteerti jedhan.
 
Gamtokkoon mariin furuuf, gama biroon ammoo Mana Maree Nageenyaa teechisuun mari’achuu filatteerti jedhan.
 
Gibtsoonni waan hundi isaaniif akka laattamu barbaadu,garuu waan kennan tokkollee hin qaban jedhan obbo Gadduun.
 
Gibts waliigalteerra osoo hin ga’amin Ityoophiyaan bishaan guutuu hin dandeechu ejjennoo jedhu qabattee itti fufteerti, Kun ammoo ejjennoo fudhatama hin qabne
jedhan.
 
Abbay kan Ityoophiyaa ta’uu fi Ityoophiyaan dhimma Abbay irratti abbaa murtee olaanaa ta’uu ishee Gibts yeroo kamiiyyuu dhaga’uuf fedhiis gurras hin qabdu jedhan obbo Gadduun ibsa laataniin.
 
Ityoophiyaan garuu furmaanni marii akka ta’e ni amanti jedhan.
 
Dogongorri gama Kaayiroon ba’aa jiru marii gaggeeffamurratti gufuu ta’uu kan himan obbo Gadduun, fedhiin Ityoophiyaan misooma waloof qabduu fi fedhiin aanga’oota Gibts garaagara ta’uun qormaata guddaa ta’aa akka jiru himaniiru.
 
Aanga’oonni Gibts Ityoophiyaan bara baraan dukkanuma keessa akka jiraattu hawwu jedhan.
 
Gibts tattaaffii waliigaltee bara Faranjootaa 2015 Kaartumitti mallattee’e diiguuf taasiftu itti fufuu ishee obbo gadduun ibsaniiru.
 
Obbo Gadduun marii sadeen itti fufuun fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf waliigalteerra ga’uun murteessadha jedhan.
 
Yaa ta’uutiin adeemsi Kaayiroo garuu faallaa kanaa waan ta’eef hawaasni idila addunyaa dhimma kana hubachuu qaba jechuun dubbataniiru.
 
Daawwit Masfinii fi Faasikaa Taaddasaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.