Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 2 kilaastaraan misoomsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 2 kilaastaraan misoomsuuf hojjetamaa jira.
 
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen akka beeksisanitti, qonna Ganna baranaatin lafa heektaara miiliyoona 2 kilaastaraan misoomsuuf hojjetamaa jira.
 
Kunis lafa qonna Gannaatin barana misoomu heektaara miiliyoona 6.1 irraa kan dhugoomudha.
 
Jilli hoggansa naannichaa hojii qonna kilaastaraa godina Shawaa Lixaa; aanaa Ejersa Lafoo fi aanaa Dandii daawwateera.
 
Lafa qonna Ganna baranaatin misoomu heektaara miiliyoona 6.1irraa oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 33 argachuuf karoorfamuu obbo Dhaabaan ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.