Fana: At a Speed of Life!

Beejiingitti namoonni 36 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Magaalaa Beejiingitti guyyaa 50 booda namoonni 36 vaayrasii koroonaatin qabaman.

Weerarri vaayrasichaa gabaawwan jajjabaa magaalittiitti babal’achuu akka hin oolle shakkameera.

Gabaasni kun kaleessa ega ifoomee eegalee, iddoowwan gabaa magaalattii cufamaniiru.

Naannolee ollaa 11ttis dhoorkiin labsameera.

Guyyaa har’aas naannolee ollaa 10tti dhoorkin dabalataa labsameera.

Liyaa’ooniing, Heebeeyii fi Siichuwaanitti Beejiingiin walqabatee namoonni haaraan vaayrasichaan qabamaniiru.

Guyyoottan 50 oliif magaalaa Beejingittis ta’e bulchiinsota ollaatti namni vaayrasii koroonaatin qabame hin gabaafamne ture.

Maddi; BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.