Fana: At a Speed of Life!

Guraagetti warshaan chiippuudii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 40 ijaarramaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw hojiilee invastimantii godina Guraagee magaalaa Sooddoo daawwatan.

Preezdaantichi warshaa chiippuudii abbaa qabeenyaa Chaayinaatin Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 40 ijaarramaa jiru daawwataniiru.

Warshichi namoota 300 carraa hojii dhaabbii, namoota 700 ammoo hojii yeroo kan uumu ta’uun ibsameera.

Warshaan kun oomishatti yammuu galu qonnaan bultoonni aanaalee 4 baar gamoo adii qaban kan fayyadaman ta’a.

Dabalataan Baankii Misoomaa Afrikaatin ijaarramaa kan jiru buufata raabsaa elektiriikaa Bu’ii; abbaa kiilo vooltii 132 daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.