Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 249 Kuweet irraa gara biyya isaanitti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa 249 guyyaa har’aa Kuweet irraa gara biyya isaanitti deebi’an.
 
Lammiileen Ityoophiyaa Kuweet irra deebi’aan kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti bakka buutoonni Ministeera Dhimma Alaa simannaa taasisaniifiru.
 
Nagaan gara biyya isaanitti deebi’uu isaaniif daraan gammaduu ibsaniiru.
 
Lammiileen Ityoophiyaa Kuweet irra deebi’aan kunneen bakka turtii qophaa’efitti turtii isaanii erga xumuranii booddee maatii isaniitti akka makaman ni ta’a jedhame.
 
Hanga har’atti lammiileen Ityoophiyaa Kuweettiitti rakkoo garaagaraaf saaxilamanii turan 748 gara biyya isaanii deebi’aniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.