Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni 8 vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) –Qorannaa sa’aa 24 gaggeeffameen namoonni 268 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 5644 hojjetameera jedhan ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
268 keessaa 177 dhiirota yoo ta’an,91dubartoota.
 
Umriin isaaniis waggaa 1 hanga waggaa 90 keessatti kan argamu ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 3166 ga’eera.
 
Namoonni 8 ammoo Finfinneerraa lubbuun darbaniiru.
 
Namoonni 4 samuudaa reeffarraa fudhatameen mirkanaa’e.
 
267 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 1 lammii biyya alaatis jedhan.
 
Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 232 Finfinneerraa, 5 naannoo Hararii, 8 naannoo Amaaraa, 6 naannoo Tigraay, 2 naannoo Kibbaatii,12 naannoo Oromiyaarra, 2 naannoo Afaar, 1 naannoo Beenishaanguul Guumzii ta’uu ibsameera.
 
Ityoophiyaan amma ammaatti qorannaa samuudaa 176,504 gaggeessiteetti.
 
Hanga ammatatis lubbuun namoota 55 darbeera.
 
Namoonn haaraan 44 dandamaniiru.
 
Waliigala namoonni 495 dandamataniiru.
 
Namoonni 39 hordoffii yaala cimaa keessa jiru.
 
Waliigalaan amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 2614.
Hubachiisa :- Namoonni 17 gabaasa idilee Waxabajjii 4, 2012 gabaafame keessatti dogongoraan kenneen kan dura gabaafamanii yaalarra jiran keessa dabalamuun gabaafamuu Ministeerri Fayyaa dhiifama gaafateera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.