Fana: At a Speed of Life!

Warshaan daabboo shaggar oomisha eegaluuf boqonnaa dhumaarra ga’e

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) –Warshaan daabboo shaggara oomisha eegaluuf boqonnaa dhumaarra ga’uu itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan himan.
 
Injiinar Taakkalaan hojii yaalii oomisha warshichaa daawwataniiru.
 
Qormaanni cimaan nu qunnamus hojicha ga’umsaan xummuruu dandeenyerra jedhan.
 
Injiinar Taakkalaan galma ga’iinsa hojichaaf hojjettoota halkanii fi guyyaa dhama’aa jiran galateeffaniiru.
 
Rakkoo jiraattootaa furaa, yaadoota haaraa hojiirra oolchuun Finfinnee haaraa ijaaruuf ni hojjenna jedhan.
 
Karoorri keenya galma ga’uun hojiilee hojjetamaa jiranii fi hojjetamuuf karoorfamaniif hamilee ta’a jedhaniiru.
 
Warhaan daabboo shaggar sa’aatii tokkotti daabboo kuma 80 ol kan oomishu yoo ta’u, dargaggoota hedduuf carraa hojii kan uumu ta’a jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.