Fana: At a Speed of Life!

Manni maree naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Tigraay filannoo biyyaalessaa 6ffaa akka naannichaatti gaggeessuuf murteesse.
 
Manni Maree naannoo Tigraay yaa’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa gaggeesseen naannichaatti filannoo gaggeessuuf murtoo dabarseera.
 
Manni marichaa seera hordoduun akkaatuma gabatee yeroo filannoo kaa’ameen filannoo gaggeessuuf sagalee guutuun murteessuu isaa Biiroon Koomiinikeeshinii naannichaa beeksiseera.
 
Dabalataan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa fooyyessuuf wixinee dhiyaaterratti mari’ateera.
 
Haaluma kanaan Waxabajjii 17 eegalee labsiin yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e baatii 2 fi guyyoota 15f akka itti fufu murteessera.
 
Mootummaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf guutuu biyyattiitti labsii yeroo ariifachiisaa labsuun isaa kan yadatamuiudha.
 
Weerarichi fayyaa fi nageenya hawaasaa irratti miidhaa qaqqabsiisu tilmaama keessa galchuun Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa filannoon biyyaalessaa 6ffaan akka dheeratu murtoo dabarsee ture.
 
Torbee kana ammoo Manni Maree Federeeshinii manneen maree federaalaa fi naannolee hanga sodaan weerara vaayrasichaa hir’atuutti hojii isaanii akka itti fufan murteessuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.