Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen deeggarsa seeftineetii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 16 mallatteeffame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Waliigalteen deeggarsa fayyadamtoota seeftineetii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 16 mallatteeffame.
 
Deeggarsichi lammiilee sababii weerara vaayrasii koroonaatin dhiibbaan diinagdee irra ga’uu malu dandamachiisuuf kan ooludha.
 
Waliigaltee deeggarsichaa Deeggarsa Daa’immanii Ityoophiyaatii(UNICEF) Adeel khoodir, ministirri Ministeerri Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii Injiinar Ayshaa Mahaammadii fi ministirri Ministeerri Dhimmi Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee mallatteessaniiru.
 
Deeggarsi maallaqaa kun mootummaa Swiidiinirraa kan argame yoo ta’u, abbootii warraa kuma 60 ol fayyadamoo taasisa.
 
Proojaktichi baatii 6f kan turu yoo ta’u, naannolee salganii fi bulchiinsota magaalaa lamaan fayyadamoo taasisa.
 
Oduu birootin Dhaabbanni Nyaata Addunyaa haadholii hoosisaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 11 laatera.
 
Deeggarsi kun baatiiwwan 6n walitti aananiif hojiirra kan ooludha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.