Fana: At a Speed of Life!

Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii meeshaa qulqullina harkaa tuttuqqiirraa bilisa ta’e Waajjira Muummee Ministiraatif gumaache

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii meeshaa qulqullina harkaa tuttuqqiirraa bilisa ta’e Waajjira Muummee Ministiraatif gumaache.
 
Meeshaan qulqullina harkaa kun weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi of eeggannaa cimsuuf kan gargaarudha.
 
Daayreektarri olaanaa eejansichaa Dooktar Shuumatee Gizaaw meeshicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad harkaan ga’aniiru.
 
Muummee ministiraatis hojii kalaqichaa fi gumaacha taasifameef galateeffatanii, tuttuqqii hambisuun isaa of eeggannaa taasifamu jajjabeessa jedhan.
 
Eejansichatti qindeessaan hojii kalaqaa obbo Biruutasfaa Mulgeetaan waajjirri isaanii weeraricha qolachuuf amma dandeettiisaa ifaajaa jiraachuu eeran.
 
Meeshichi fageenya meetira 6rratti afaanota 3 harka akka qulqulleessan dhaama.
 
Alkoolii fi saanitaayzarii akka fayyadamuu danda’anittis kan hojjetamedha.
 
Kanaan dura meeshaa walfakkaataan Ministeera Nageenyaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaatif kennameera.
 
Yeroo itti aanuttis waajjiraalee mootummaa birootif ni dhiyaata jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.