Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen ijaarsa daandii Birrii biiliyoona 25.8 mallatteeffame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Waliigalteen ijaarsa daandii Birrii biiliyoona 25.8 mallatteeffame.
 
Waliigalteen ijaarsa daandii kun kan proojaktoota 15ti.
 
Waliigaltichas Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa dhaabbilee ijaarsaa koontiraata fudhatan waliin mallatteessera.
 
Baasii ijaarsaa kan danda’u mootummaa Ityoophiyaa yoo ta’u, jiddugaleessan ijaarsa daandii tokkootif waggaan afur karoora hojiitin qabameera.
 
Dhaabbilee ijaarsaa hojicha fudhatan keessaa 7 kan biyya keessaa yoo ta’an, kan hafan ammoo kan biyya alaati.
 
Proojaktoonni daandii ijaarramanis;
1• Tantaa – Gaashanaa kiilomeetira 44.70
2• Gubaa – Bagoondii – Wanbaraa- Koong kiilomeetira 61.72
3• Maqa Paawwii -Gubaa -Maankuush kiilo meetira 69, Gubaa/ Maankuush kiilo meetira 69
4• Jigaa –Qwaariit – Aarb Gabayaa – Tiliilii Arbigabayaa –Sakalaa –Tiliilii kiilo meetira 62
5• Dambidoolloo – Muggii- Gaambeellaa, Dambidoolloo- Muggii –Doolaa koilo meetira 51.00
6• Shaashamannee – Halaabaa kilo meetira 68
7• Dirreedawaa – Shinillee koilo meetira 17.30
8• Oomoo –Maajii, Oomoo- Saay kiilo meetira 68
9• Yaasoo –Galasaa – Dabaatee, – Yaasoo kiilo meetira 100
10• Dodolaa – Dabuub Waashaa – Gobbaa(suphaa cimaa) kiilo meetira 178
11• Mattuu kiilo meetira 8.7
12• Najjoo – Jaarsoo – Beegii – Yaayyoo, Yaayyoo – Najjoo kiilo meetira – 66
13• Sayyoo – Shanan – Gudar kiilo meetira 91.8
14• Yaabelloo – Darmii – Kanticha – Shaakkisoo kiilo meetira 70
15• Gullisoo – Colayyaa kilio meetira 66
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.