Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa furmaata argachuu kan danda’u tarkaanfii waloo fi walta’iinsa idila addunyaa qofaani– MM Dr Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fooramii diinagdee gamaaggamaa qabeenyaa fi kallattii guddinaa ‘online’n qophaa’erratti haasawa taasisaniiru.
 
Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy qormaata weerara vaayrasii koroonaa darbuun kan danda’amu tarkaafii waloo fi walta’iinsa idila addunyaa qofaan ta’uu ibsaniiru.
 
Weerarichi yeroo ammaa seenaa idil addunyaarrati yaada haaraa uumeera jedhan.
 
Fedhii waloo bakka bu’uun yaadni beekaa fi bu’aa qabeessa ta’e hoggansa idil addunyaa biratti hanqina qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.