Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 1,859 ga’e

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 81 irratti vaayrasiin koroonaa kan argame yoo ta’u, lubbuun namoota 2 darbuu Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Namoonni hundinuu seenaa imala alaa hin qaban.
 
Namoonni 10 tuttuqaa qabu.
 
Namoonni 71 tuttuqaa hin qaban.
 
Namoonni 2 lubbuun darbaniiru.
 
Namoonni 27 Addis Katamaa, 12 Boolee, 15 Gullallee, 2 Liddataa,7 Kolfee Qaraaniyoo, 4 Eekkaa, 8 Nifaas Silk Laaftoo,4 Araadaa, 2 Qiirqoos ta’uu biirich beeksiseera.
 
Namoonni haaraan 22 dandamataniiru.
 
Waliigala namoonni vaayrasichaan qabaman 1,859 qaqqabera.
 
Kutaa bulchiinsa Addis Katamaatti qofa lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 467 ga’eera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.