Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan haguuggii afaanii fi funyaanii miiliyoona 5.5 oomishuuf hojjetamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Guyyaan haguuggii afaanii fi funyaanii miiliyoona 5.5 oomishuuf hojjetama jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Weerara dhibee Covid -19 ittisuun akka danda’amuuf guyyaan haguuggii afaanii fi funyaanii miiliyoona 5.5 oomishuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ifoomseera.
 
Biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf haguuggii fuulaa fayyadamuun dirqamaa ta’aa jira.
 
Ityoophiyaattis weerara vaayrasichaa qolachuuf Baatii Eebila darbee eegalee haguuggii fuulaa fayyadamuun dirqamu ta’uu qaleelfamni ba’eera.
 
Keessattuu iddoolee hawaasni itti heddumatu, naannoo tajaajila geejjibaa fi gabaatti dirqama ta’uu labsameera.
 
Hanqinni haguuggii akka hin muudanneef indaastiriiwwan damee uffataa oomisha haguuggirratti xiyyeeffannoon akka hojjetan taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.
 
Daayreektarri koominiikeeshinii ministeerichaa obbo Wandimmuu Falaatteen Indaastiriiwwan uffataa haguuggii fuulaa oomishuurrati bobba’uu ibsaniiru.
 
Indaastiriiwwan kunneen guyyaan haguuggiiwwan miiliyoona 5.5 oomishuu akka danda’aniif hojiin dandeetti cimsuu hojjetamaa jira jedhan.
 
Warshaaleen 67 oomisha kanaaf adda ba’uu isaanii obbo Wandimmuun eeraniiru.
 
Baatii 3 keessatti haguuggii biyya keessaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 29 fi kuma 6 ol uffatarraa oomishuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.