Fana: At a Speed of Life!

Naajeeriyaatti haleellaa raawwatameen lubbuun namoota 59 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Kaaba Najeeriyaatti haleellaa raawwatameen lubbuun namoota 59 olii darbuu dhaga’ame.
 
Haleellicha bulchiinsa Booroonoo godina Giidiiboo jedhamutti kan raawwatame ta’uu ibsameera.
 
Haleellichaaf qaamni hanga ammaatti itti gaafatamummaa fudhate hin argamne jedhame.
 
Haleellaan kun tarkaanfii hidhattoota naannicha keessa socho’anirratti fudhatameef duubdeebii ta’uu akka danda’u ragaaleen naannichaa ba’an ni muul’isu.
 
Naannichatti Bookoo Haaraam dabalatee gareen hidhattootaa hedduun socho’aa kan jiran yoo ta’u, kana duras irra deddeebiin haleellaan raawwatameera.
 
Bookoo Haaraam bara Faranjootaa 2014 beekkamtii erga argatee booda haleellaa yeroo garaagaraa raawwateen lubbuu namoota kumaatamaa galaafateera.
 
Qabeenyi hedduunis barbadaa’eera.
 
Jiraattoonni baayy’een qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaniiru jedhame.
 
Baatii Bitootessaa darbe qofa Naajeeriyaa fi Chaaditti haleellaa raawwateen lubbuu loltoota 147 galafateera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.