Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun Ministira Hariiroo fi Qunnamtii Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa waliin marii’atan

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012(FBC)- Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw Ministira Hariiroo fi Qunnamtii Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa waliin marii’atan.

 

Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw Ministira Hariiroo fi Qunamtii Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaled Paandoor waliin bilbilaan marii’ataniiru.

 

Marii isaanii hariiroo biyyoota lameenii baroota dheeraaf ture akka cimsuun danda’amuu fi dhimmaa idil addunyaarratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.

 

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti waliin akka hojjechuurrattis mari’ataniiru.

 

Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachawhaala ijaarsa hidha haaromsa irratti ibsa bal’aa laataniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.