Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI  Dr Abiy Ahimad badhaasuuf murteen dabarse sirrii ta’uu korichi beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012 (FBC) –Noorwayitti Koreen Noobeelii badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 kan injifatan Muummee ministiraa FDRI  Dooktar Abiy Ahimad badhaasuuf murteen dabarse sirrii ta’uu beeksise.

 

Korichi qaamoleen tokko tokko badhaasa Noobeelii Nageenyaa Muumme Ministira Dooktar Abiy Ahimadiif laate “ jijjiiruu fi yookiin ammoo qorachaa jira” oduun jedhuuf soba jedheera.

 

Dhaabbatichi xalayaa har’a baaseen koreen badhaasa Noobeelii badhaasni Noobeelii Nageenyaa erga laatamee booddee jijjiiruu akka hin dandeenye beeksiseera.

 

Korichi badhaasni Noobeelii laatamu erga eegalee bara Faranjoota 1901 eegalee badhaasni jijjiirame hin jiru jedheera.

 

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad carraqqii isaan nageenyaa fi hariiroo idil addunyaaf taasisaa keessumattu Ityoophiyaa fi Eertiraa gidduutti baroota dheeraaf rakkoo ture karaa nagaan akka hiikkatuuf hojii hojjetaniin Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 akka injifatan kan isaan taasise ta’uu korichi beeksisuun isaa ni yaadatama.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.