Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyatti namoonni sababa Covid-19’n du’an dabalaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012 (FBC) – Naayijeeriyatti namoonni sababa Covid-19’n du’an dabalaa jira.

Ministeerri Fayyaa biyyattii Osaagii Ehaanireen akka jedhanitti, duutii namoota 1,000 kan %60 ta’u, kaabaa Kaanootti galmaa’ee sababa Covid-19 ta’uu hin oolu jedhan.

Gareen qorannoo taasisan akka jedhanitti, namoonni namoota umuriin deemanii fi rakkina fayyaa biraa qabani baay’een du’aniiru.

Namoonni muraasni hospitaalatti yoo du’an hedduunsaanii immoo manatti du’an.

Kaabaa Naayijeeriyaatti duuti hin ifoomnee dabalaa dhufeera.

Baay’innaan lakkoofsa ummata Afriikaa fi dandeetti qorachuu dhabuutiin ogeeyyiin vaayirasichi osoo hin beekamin Naayijeeriyaatti tatamsa’uu danda’a jedhu.

Akka gabaasa BBCtti biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 12,000 ta’a vaayirasichaan yoo qabaman 350 du’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.