Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Keenniinsi Tajaajila Lammummaa Waxabajjii 6, 2012 Dhaadannoo “Ani Lammii Kootif” jedhuun guutuu biyyaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Keenniinsi Tajaajila Lammummaa Waxabajjii 6, 2012 Dhaadannoo “Ani Lammii Kootif” jedhuun guutuu biyyaatti ni gaggeeffama.

 

Biiroon dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef kenneen kenna tajaajila Lammummaa bara kanaa akka naannoo Oromiyaatti Dargaggoo miiliyoona 7 ol kan hirmaachisuu fi guutuu hasaa karaa hirmaachiisuun kan gaggeefamu ta’uun ibsameera.

 

Itti Aaanan Hoogganaa Biiroo Dhimmaa Dubartootaa,Daa’immanii fi Dargaggootaa obbo Huseen Abbaa Zinaab ibsa kennaniin ”Ummanni
Dhibee Vaayrasii koronaa irraa akka dandamataniif hojiin deeggarsaa cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Kenna tajaajila Lammummaa bara kanaa keessatti Ashaaraa magarisummaa mirkaneessuu fi dhiiga arjoomuun lubbuu lammii baraaruuf xiyyeefannoon kan hojjatamu ta’uus ibsameera.

 

Biqiltuu miiliyoona2 ol dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuus ibsameera.

 

Gurmaa’insi Federeeshiniin Dargaggootaas gama isaanitin hojii kenna tola ooltummaa irratti balaa tiraafikaa hir’isuuf dargaggoon xiyyeeffannoo guddaan hojjachuu qaban jechuun dhaameera.

 

Akka Biiroon dhimmooota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo oromiyaa beeksiseetti, Gama biraatin tattamsa’inna Vaayrasii Koroonaa ittisuu irrattis xiyyeeffannoon dagannaa tokkoon maletti irratti hojjachuun murteessaa ta’uus federeeshiniin kun ibseera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.